|
|
|
|
A’ADAAFI WALALOO
Aadaa oromoo
Faruu aadaa oromoo
Aadaan oromoo akkan ballodha wahee aadaa oromoo ibsuuf yeroodheertuu, Qoranna cimtuufi barru bayyee barbaachisa.
Hatahu malee damee aadaa oromoo irra takka tan taatee irrahin hamma xiqqa tokko ibsuuf tattaffi godha,
Kunilleen ammaaf matadure isii qofaan yeroo duratiif gabaabse tarrisu fedha.
Fuula dura ammahoo namoota wahee aada beeku kaan biraalle gargaarsifadhee keeysa seenee Ibsuuf kaayoo qaba.
Faasa (Faaru) aadaa oromoo
Faarsii( faaruun ) aadaa oromoo hangi tokko akka armaan gadii kanatti ramadamu nidandayama.
A. Faaruyeroo hujii
B. Faaruyeerololaa
C. Faaru yeroo fuudha herumaa(gammachu)
D. Faruu jaalala
E. Tan yeroo mana hawaata(aruza)
F. Tanyeroo loon bobbasaasani galchaniifi yeroo loon bishaan obaasani
G. Akkasumatti yeroo joolle sossobanii fi yeroo jollen gamaa gamana bateewal arrabsitu fii akkasumaas taan biraa kaan kana fafakkataan. Yoommu tahuu
Kanneen malees kan yeroo hasawaa, gaafidhaafii koflatapha dhihaataniisnijiraan.
Kuniis kan akka maymaaysaa, hibboo, sheekkofi goofataafikan kanafafakkaatu..
Maqaaleen faaruutiis akka armaan gadi kana tahaa.
Kuniis akka arma olitti maqaa dhawametti waLduraduubaan dhihaata
MATADUREE FAARUU
1) Shoobdoo
2) Darashaa
3) Dukkoo
4) Mirriysaa
5) Geeyraraa
6) dhichisa
7) Hellee
8) yoowlee
9) Sirba
10) Shaggoyyee Itti fufaa….
11) Hellemtaa
12) baraarata
13) Shiruru
14) weeddudiroo
Weedduufii faaruun armaa ‘ olitti barryfamte tuni saalaaniis adda niqoodamti Jechuun faaruu dhiraa dhihattu jira tan dhlaan dhihaattu jira, kuniis Yadaloofi walaloo addaatiin dhihaata.
Kan Barreeyse ahmed mohamed hassen (barsiisa)
Maymaaysa
Maymaysi aada oromoo keysa tokko hogga tahu inninis kan yeroo hasawaa dubbi waligalchuuf fakkenya godhatani dhiheeysuun itti fayyadaman
fkn
Yeroo yaada tokko murachu ibsan.
“ bayxu haa bayxuu saree ija kuulaan ga’an”
“waywaanni du’a nama olchinee) ja’an
yeroo obsa irratti wal gorsan
hantuta barreerra ta’au barref dhaban
(dantaaf kallo sareerra rafaani)ja’an
yeroo jiila ibsan “kan guyyabofa arkee halkan teepha dheeysa”
yeero qurrama ibsaan ( shan elmataniis tiyya gallumaa) jaatte ja’an bashoon .
kana jechuun warrii keenya quufuus bayye arkatuus aanan hangumadur naqicaan malee waanaan ida’ani
kan bira ( ilmarra dubbi abba fakkaataa”
“hagam cittullee raroon gaala harree hanqanne”
DUKKOO
------ dukkon faaru dhlaan hogga qoshadaakan waljala qabaa ja’an.
FKN
1) cirracha baburaga. Dukkoga
loon hingadoodan ga. Dukkoga
dilaa wayya ju’uga. Dukkoga
foon siin hadoodanga dukkoga
dukko a’addiyye kuulakoga
2) fandisheen bollattiga dukkoga
muyraan taguugatti ga dukkoga
Yogadheen waajattega dukkoga
Jirma kotiin natti ga dukkoga
Duko aadidyye kuulakoga
Jechuun dhalaan waljala qabaa qooshadaakan.
geyraraa
geyraraan faaru hogga lolaa ittin dhaadatan
Tullu xiqqo raphoolee koru fedha
Eala darbafagoo meetto warabu fedha
Diida guddaa harawwaan duulu fedha
Rebeetiin qabu fedha, qaba jabeeysu fedha
Akkaduula a’abbo, akkaabaabu kenya, xoloqqiirra fuudheetiin duwwa gad dhiisu fedha
MIRRIYSAA
Mirriysaan faaruu yeroo lolaa waliin kakaasani
Fkn
Duddula firrijibbu, haati dhalteejaalattu
Garalaafeeysa dhiiraa, hiruyaan hinjaalattuu
Qorqodaa dirooraasuu haatii intala jalattuu
Nagayaan galtee malee , maaliin galattee malee,
Lammiin hoon go jaalattu
Gaala gadoo dheesani
Mataan kiyyakeeysani
2) Bobbaan jadoo waldidde, booyraa garaan gununaa
Bobban Sayyaa waldiddee korma garaan gununaa
Bobbaan gaala waldiddee , qooqaan garaan gununaa.
Lammi garaan waldiddee hayyuu garaan gunnunaa.
Huumsee walitti galee gunnunummaan rawwatte.
Jechuun, hiikkaan __- lammii waldhabdee addaa addaa bahuun diina iftuffachiisani sanirra hayyuun mufatee, ammawaligalani araaramni tokko tahuudha ibsa.
SHAGGOYYEE
Shaggoyyeen ta Darraa DUBRII dhabbaatee utaalu hogga
taatu,dardarri waljala qabaatii walfaraqaa dubra farsaa wallisa
FKN
1) Alosna jijjigoo aloo karra millee
Hidhatan shugguxi dhaban waraansillee
Firasha baadiyya tokkoffaan itillee
Xuriin sirra bunee duydi kee birillee
‘
2) Alosna jijjigoo alooyaa jabuti
Harmallaan baabura harka nama futii
Tabaabura gadii gad baasan niduuti
Harre halaalchani gangalatte duuti
Eysa baatee dhuftee haxira jabuuti.
3) Calnqoo calii lafee bobeeysani
Daaraa lafee sanii laata eysuma geysani
Hogga lollii hammaatee eysuma dheeysani
Nanno dhawaa toltee rooba itti dheeysani
HELLAMAA
Hellamaan tan dardarri gamaa gamanaa walitti jilbiiyfatee tarree galani harka waljala miliysaa afaaniin wallisaa mana hawaataatitti ( aruuzattii)
Taphatani.
FKN
Hellemaa, haa Helleen lama lama haa
Gurbaan nifalamaa haa,
Hellamaa helle, way hoobi hellee
Hellamaa, Haa,
Bashoon mana kortee haa, huddu duubaan buutee, HAA
Shukaar tanboon huutee,haa meyroon kofla duutee, haa,
Hogga, injifatani xummuran, haa hobaala hee ja’ani bu’an
HIBBOO
Hibboon GAAFI walgaafatani walidebisuu dha, yoda dhaban duullu ja’ani Hiikka eggachudha
FKN
Waan dhaabbatani hidhaan tan ta’ani hikkan naa beeki?
Debisaan salaata
Sheekko
Sheekkoon __ aadaa ha fuur baafanno tan itti walboharsani walkofalchiisuun gammachu itti waldabarfatan
FKN
Ahmmad iifi mussa hiriyyaa. meymuna leenyo
Ahmmad. kana ammad halkan muussa alatti dhissee warra meymuna suuta seene meeymuna seeheetuma hadha si dhungatee,
Hatimeymuna abba mana si seeteetuma
Sa abba abdi arra jollumma jala si deebi e’e
Jatteen yeroo sani Ammad rifatee hogga gad utaalu Abbaa abdi ka ala dhaabbatu mussa seehee, yaamussa ifiifu arra meymuna seehee tiin haadh dhungadhee je’en
Us, baalagee je’etuma abbaan abdi kabala itti galakkisee akkasitti ammad fiiga kute.
Akkasi “jarjaraan waraabeysa gaafa qaba” Ja’an hinjarjarina.
Barru waahee a’adaa sheekko kofla tanaan arraaf asirratti goolabaa, hanga tabiraatiin walitti dachaanu nagayattija’a
Qopheeysee dhiheeysaan ana ahamed mohammed hassan (barsiisaa)
____//____
WALALOO AFAAN OROMOO
Afaan aadaa fi seenaa ormoo tan gabrumma bara dheraatiin ukkamam tee
Turte dirre baafnee mullisuuf guddifnee dagaagsuuf kan qabsaahufii kan dirqamni irra jiru numa ilmaan oromooti,
Kanaaf ani dirqama narra jiru dhugaa kana hujirra olchuuf yero warraysi dhoohee bara 19/ 75 irra eegalee aada awwalaamtee mullisee dagaagsuuf hawwisoo jaaree agarsiisa adda adda godhuun akksuma ammlleewalaloo adda adda tan ergaa if keysaa qabdu barreysuun hanga amma qooda irra fudhachaatiin jiraa.
Walaloo an barreysee keessa tan waltajji irratti wallisootaan ummataaf dhihatee 100( dhibba) ol hogga taatu tan wallisoonni kaasetaan facaasee waliin haalaan baayyedhaa.
Wallisonniin walaloo barreysefiis akksuma baayye hogga tahan,
FKN
JIREENYI WABII HIN QABNE
Jiruu jalli hinquftu kaniin qarree rarra’u
Goojjoo afaan galaanaa tan taane taa’uuf ka’u
Jireenya wabii qabne kanaan jireenya ju’u
1. dumeeysi roobaa dhufu dhimmu galaana sodaa
qeensa nagalte lubbuun eysumaan seenaa yaada
jirutti waa lakkaawu jiruu qarre afaanii
kaniin na fuudhaa mamu boru dhufee galaanni
2. goojjoo afaan qarree tahulaan mixoo lulaa
banaa gubbaan hofafaa tan dhimmuun akka alaa
jirkaan roobaa nabbu’uee ka garbi yaa’u lolaa
san keeysa jiru ja’ee mee akkamittiin galaa
3. jirraadhee jiruu namaa jiru jachu danda’u
du’ee biyyee uffanne hinjiruuniis naan tahu
daadarkaa qilleensarra rora’ee fanni famee
falli isaa maali himaa jiruun araraafamee
EYSA AWWAALI ISAA
Eeysa awwaali isaa alalli seenaan tufe
Kan sablina baadhate daandii haqaarraa kufe
Du’u isaa jettanii nan dirinaa du’aa jiruun isaa fafaa
Garaa koo seenu jette kakatti lafeen lafaa
1. karaa diriiraa duraan ulfinaan deemu xurree
jallatee yakkachuudhaan salphinaan irraa qaaree
irranaafii jalattiis seenaan isaa xuraawee
jiruu awwaalchaas dhabee karaa lama hongaya
jirteenyi isaa naan tolu duuyda koo na bobeeysa
du’ee na awwaalamuus naquuyxi lafeen isaa
2. haqa irraa loohee kufee osoo hin fixin amna
qochumaaf bitamuudhaan deeme xurree jalinaa
tarkaanfii takka ajjatu illima hidhameef seena
madaa seenaa han bisee du’a du’a sablinaa
nun godhin warra akkasii jenne tan maganfannu
osoo hin nyaanne nyaataa leenci yeroo isaa kennu
3. a’alanfatee seenaan waan inni bahu laalee
hashara maddi baasa gubbaarraa angolalee
erga hubate booda maalummaa isaa madaalee
ifirraa tufa seenaan farra biyyaaf hin tolle
jiraatuus narra deemu dhaamatte biyyeen biyaa
du’uus garaa ko seenu kakatte harmeen aayyaa
wallisaa Abdi Ibrahim
GABRUMAAN WAAN NUGOOTE
Osoo irraa banamin guy tokko hagooggaan
Akkuma dhalateetti umrii lakkaawatee meeqaa du’e deegaan
Gabrumaan waan nugoote hoonga
Hanganaa hangasii een beekee herragaa
1. eegee horii qabee odoo deemu jalaa
osoo guy tokkollee hin dhaqiin magaalaa
umrii lakkaawatee jireenya golgolaa
wallaalaafii beelaan addunyaarraa galaa
2. haadha garaa bahee dhalatee maqumaa
barnoota barachuuf dhabee hiree namaa
nama biyyaf tolu meeqa hayyuu uumaa
dabooltee dhooysite dukkanti gabrummaa
3. hojjaa mana ambaatti shanachi uratee
fijaa takka malee morga fixatee
maatiifii warra isaa agabutti dhiisee
hafuura baafata du’aan gadi ciisee
4. jiruu addunyaadhaa maaluumaa isiidhaa
osoo hin dhandhamin guy tokko mi’aadhaa
jiruudhaan saamamee mirga dhala namaa
akkuma dhalateetti du’ee awwaalame
Wallisaa falmataa rorrootiif
LALAA QOOREE HOROFAA
Quuqaa na keeysa dhaabdee
Osoo nadirtuu nafaa
Laala qoree horofaa
Obsee akkamitti rafaa
1. qoreen kalee nadirtee baasa dhabaaf nahaftee
kulkutee nadhukkubdii madaan hafra nattaa tee
achuman nalaallatee dhukkubni biroo duruu
nadhawatti haalaan laala foyyetti hin jiruu
yo ficallisee midha Abbaan ifii doofee
qaamni irrina fidaa wallansa dhabaan naafee
2. lakkuma o’olee buluun illaan miila nafuutee
nakeeysa deema jirtii dhukkubbiin na hammaatee
arrumaa borun fayya odoon ju’u callisee
dhukkubbiin najjabaatte dadhabee ciisu obsee
dirinsa qoree tuffi wallaansa dhbaan hafee
ta san darani salfaa waraana gubbaa kufee
2. dhukkuba dhufa duraatti wallaa nu baattu owwatti
bubbulu nihammataa wallaanuun nija baatti
obsitee ficalliftuu wanni sihiqaa jirtuu
keeysa waan biroo dhufaa illaan san daran hamtuu
obsaan buluun harrooma ifii usan laalaa
tattafachuun nurratti bahudhaaf miidha jalaa
wallisaa abdii ibrahim iif
OROMOON TOKKUMAA
Dameen haka kiyya shani qaba barkoo
Quba shani malee harki kiyya tokkoo
1. maali lama shani oromoon tokumaa
gargar bahu tatuu hidhaan obbolummaa
bara dhibba caala tan nutaatee dirmaa
tana yaa oromoo widdeellaan gabrummaa
2. qubni lamaan mogga nyalee abuguddoo
maqaa addan qabaa dheeraadha kaidduu
kuun jeyna gabaaba tokko ammoo faradduu
u’uma walihidhee walcinaadha dhabduu
3. sareen ifii wal a’atu waabineensa a’atuu
waligallu malee qabsoon fixa baatuu
guyya waligallee tiqqa guddaan keenya
nurra oltee bultuu bilisummaan tenya
wallisaa falmataa rorrootif
Arraf asumarrattin dhabaa
NAGAYATTII!!!!
QOPHEEYSEE DHIHEEYSAAN
ANA AHAMED MOHAMED HASSEN( BARSIISAA)
RAKKOON UMMATA OROMOO UMMATUMA OROMOOTIIN HIKKATTI
INJIFANNOON TAN UMMATA OROMOOTI !!!
|
|
....
|
|
|
Salah
Galmo
|
|
|